Mul’ata Itiyoophiyaa milkeessuuf hundi gahee isaa bahachuu qaba-Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Ebla 29, 2017 (FMC) –Mul’ata Badhaadhina Itiyyoophiyaa milkeessuuf hundi gahee isaa bahachuu qaba jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun.

Hojjettonni tajaajilichaa sanada mata duree “ Bara Giddugalessaa” jedhuun qophaa’eerratti marii geggeessaniiru.

Dooktar Laggasaan itti gaafatamummaa dhaabbilee fi namootaan kannaman gahuumsaa fi ququllinaan raawwachuun yoo danda’ame badhaadhinni Itiyoophiyaa kan milka’u ta’uu isaa bu’aaleen waggoottan darbanii ragaadha jedhan.

Itti gaafatamummaan damee miidiyaa fi kominikeeshiniif kenname faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa hubachiisuu, Immataa Mootummaa, kaka’uumsa, raawwii fi bu’aalee karooraa beeksisuu ta’uu kan eeran Dooktar Laggasaan, damicha ajandaan hogganuufi faayidaalee biyyaalessaa Itiyoophiyaarratti ajandaalee adda baaafaman gahuumsaan qolaachuun dhimma xiyyeeffannoo kennuun barbaachiisu ta’uu hubachiisaniiru.

Sanada marichaa kan dhiyeessan Ministir Deetaan Tajaajilichaa Tasfaahuun Gobazeeyi gamasaaniin, hojiilee dame hedduu waggoottan torban darban hojjetamaniin Itiyoophiyaan kara bu’uura ta’een guddina galmeessuu himaniiru.

Guddina argame itti fufsiisuuf gara sadarkaa caaluutti ceesisuuf hanqinoota keessaa fi alaan mul’atan irratti hojjechuun barbaachiisadha jedhan.

fedhiin ummanni jijjiiramaaf qabuu fi kutannoo fi bilchinni hoggansaa jijjiiramicha gara sadarkaa olaanaatti ceesisuu dubbachuu ragaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment