Finfinnee, Qaammee 4, 2017(FMC) – Birmadummaa Naannawaa qilleensaa Itiyoophiyaa fi Hidha Haaromsaa sirnaan kabachiisuu kan danda’u Humni Qilleensaa cimaan ijaarameera jedhan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetanaan Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.
Leetanaan Jeneraal Yilmaa Mardaasaan eebbifamuu hidhichaa ilaalchisee ergaa dabarsaniin, Missiraachoo olka’iinsa Itiyoophiyaa fi ashaaraa Itiyoophiyaanoota hundaa kan ta’e Hidhaan Guddichi Haaromsi Itiyoophiyaa eebbifamuu isaatti baga gammaddan jedhan.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa erga Ijaarsi Piroojektichaa eegalee kaasee nageenya qilleensaa naannawichaa haala amansiisaa ta’een eegaa jiraachuu ibsan.
Humni Qilleensaa nageenya naannawichaa sirnaan kabachiisuu danda’u ijaaramuu dubbatan.
Waggoottan darban Jeettii Waraanaa diinoota samiirraa dursee barbadeessu danda’u hidhachuun danda’amuu eera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.