Finfinnee, Onkololeessa 17, 2018 (FMC)- Naannawwaan Daldala Bilisaa Afrikaa daldala Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhan Hayyuun Biiznasii.
Yuuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa Biiznasii kan ta’an Dooktar Tasfaayee Kaffaalee Naannawwaan Daldala Bilisaa Afrikaa, adeemsa daldalaa kan saffisiisuu fi oomishtummaa Itiyoophiyaa kan cimsudha jedhan.
Naannawichi sirna gumurukaa fi biirokiraasii daldalaa yeroo dheeraa fudhatu gabaabsuun, geejjibni oomishaalee fi meeshaalee daldalaa akka salphatu taasisuun daldala al-ergiifi galchii akka si’eessuu eeran.
Naannawwaan daldala bilisaa badhaadhina egeree Itiyoophiyaa mirkaneessuu keessattis gahee olaanaa qabaachuu kaasanii, guddina oomisha damee qonnaaf haala gabaa mijataa uumuuf akka gargaarus himan.
Oomishtoonni biyya keessaa oomisha isaanii gabaa addunyaatti akka dhiheessaniif carraa gaarii kan banuu ta’uu eeraniiru.
Itiyoophiyaan daldala addunyaa keessatti caalaatti akka hirmaattu taasisa jedhanii, biyyattiin oomishaalee ishee biyyoota alaatti akka ergituu fi meeshaalee barbaachisoo ammoo akka galchituuf haala akka mijeessu ibsan.
Hojiirra oolmaan isaa Itiyoophiyaaf carraa guddaa ta’uu fi Itiyoophiyaan hojii irra oolmaa waliigaltee kanaa keessatti gahee adda duree bahachaa jiraachuu kaasaniiru.
Sagantaan kun, hirmaannaa fi fayyadamummaa akkasumas hariiroo daldalaa fi diinagdee biyyoonni sadarkaa addunyaatti qaban bu’uuraarraa ni jijjiira jedhameetu amanamas jedhaniiru.
Dhiyeenya kana Itiyoophiyaatti sirni gabaa naannawa daldala bilisaa Afrikaa kan jalqabaa eegalamuun isaa kan yaadatamudha.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.