Naannichaatti hojmaata badaa fi malaammaltummaa ittisuuf gaafatamummaan cimee itti fufa – obbo Dastaa Leeddaamoo

Finfinnee, Adoolessa 8, 2017 (FMC) – Naannoo Sidaamaatti hojmaata badaa fi malaammaltummaa ittisuuf gaafatamummaan cimee itti fufa jedhan Pireezidaantiin naannichaa obbo Dastaa Leeddaamoon.

Pireezidaantichi karoora hojii mootummaa bara 2018 yaa’ii idilee taa’amaa jirurratti kan dhiyeessan yoo ta’u, bara baajatichaa Birrii biiliyoona 18 walitti qabuuf karoorfamuu eeran.

Hojmaata badaa fi malaammaltummaa ittisuuf hojiilee karaalee garaagaraa hojjetamaa jiran cinaatti hojiin itti gaafatamummaa caalmaatti cimee akka itti fufu kan hojjetamu ta’u dubbatan obbo Dastaa Leeddaamoon.

Diinagdee naannichaa guddisuuf lakkoofsa kaffaltoota gibiraa dabaluu fi Indaastiriiwwan caalmaatti hawwachuu, akkasumas Interpiraayizoota babal’isuuf karoorfamuu ibsan.

Daa’immaan umriin isaanii barnootaaf gahe hundi akka baratan gochuun lakkoofsa barattoota kutaa 1ffaa hanga 12ffaa jiranii miiliyoona 1.2 qaqqabsiisuuf karoorfamuu Daayrekterri Hariiroo ummataa fi Teeknooloojii Diijitaalaa Waajjira Pireezidaantii naannichaa Teediroos Dastaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment