Naannichatti buufataalee boba’aa seeraan alaa gurguran irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Bitootessa 15, 2018 (FMC) – Naannoo Harariitti buufataalee boba’aa seeraan alaa gurguraa turan irratti tarkaanfiin fudhatameera.

Naannichatti buufataalee boba’aa lama taariifa boba’aa mootummaan murteesseen olii fi cancala bittaafi gurgurtaan ala gurguraa turan irratti tarkaanfiin fudhatamuu Ejensiin Misooma Daldalaa Naannichaa beeksiseera.

Buufataaleen kunneen gochaa isaaniirraa akka of qusataniif irra deddeebiin akeekkachiifni kennamaafii turuu fi gochaa isaaniirraa deebi’uu akka hin dandeenye Hogganaan Ejensichaa obbo Shariif Muummeen ibsaniiru.

Ejensichi buufataaleen boba’aa kunneen baatiiwwan jahaaf oomisha boba’aa akka hin gurgurre dhorkamuu eeraniiru.

Naannichatti hordoffiifi to’annoon bittaafi gurgurtaa boba’aa irratti taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu ibsuusaanii Kominikeeshinii Naannichaa Faanaa Dijiitaaliif ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment