Naannichatti qabeenya uumamaa fi humna namaa walitti qindeessuun oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jira – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Sadaasa 14, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti qabeenya uumamaa fi humna namaa walitti qindeessuun oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jira jedhan Pireezidaantii itti aanaan mootummaa naannichaa obbo Awwaluu Abdiin.

Obbo Awwaluun Godina Jimmaa Aanaa Deedootti facaasaa qamadii jallisii bonaa eegalchiisaniiru.

Oromiyaatti bona kana lafa hektaara miiliyoona 4 irratti qamadii jallisiin misoomsuuf hojjetama jira.

Makanaayizeshinii qonnaatti fayyadamun qonnan bulaa gara qonna ammayyaatti ceesisuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjetamaa jiraachuu obbo Awwaluu Abdiin himaniiru.

Bulchaan godina Jimmaa obbo Tijjaanii Naasir godinichatti lafa hektaara kuma 500 fi kuma 20 ol jallisii boneen qamadiin misoomaa jira jedhan.

Godinichatti tiraakteroota kuma 1 fi 329 fi Paampii jallisiif oolaan kuma 12 fi 220’tti gargaaramuun hojjetamaa jiraachuu kaasan.

Warqaafaraawu Yaalawu

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment