Naannichatti uwwisa tajaajila fayyaa haadholii fi daa’immanii guddisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2018(FMC) – Naannoo Afaaritti uwwisa tajaajila fayyaa haadholii fi daa’immanii guddisuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Fayyaa naannichaa.

Naannichatti raawwii hojii damee Tajaajila Fayyaa Haadholii, daa’immanii fi guddattootaa kurmaan jalqabaa irratti qooda fudhattoota waliin mari’atameera.

Uwwisa tajaajila Fayyaa Hawaasaa guddisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira jedhan Hogganaan Biiroo Fayyaa Naannoo Afaar obbo Yaasiin Habiib.

Mootummaan Tajaajila fayyaa haadholii fi daa’immanii qulqullina qabu mirkaneessuuf yeroo kamiiyyuu caalaa xiyyeeffannoo kennuun hojjetaa jiraachuu dubbatan.

Keessattuu kenniinsa tajaajila dhaabbilee fayyaa fooyyessuuf bifa addaan hojjetamaa akka jiru kaasan.

Yaasiin Nuuruutiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment