Naannichi sirreeffamtoota seeraa 745’f dhiifama godhe

Finfinnee, Qaammee 3, 2017 (FMC) – Naannoon Kibba Lixa Itiyoophiyaa ayyaana bara haaraa sababeeffachuun sirreeffamtoota seeraa 745’f dhiifama godhe.

Boordiin dhiifamaa naannichaa gaaffii dhiifamaa Sirreeffamtoonni dhiyeessan bu’uura taasisuun kanneen ulaagaa labsii, dambii fi qajeelfama dhiifamaa guutuun qorachuun mootummaa naannichaaf erga dhiyeessee booda murtoon kun kennamuu ibsame.

Boordiin dhiifamaa kun faayidaa ummataa fi mootummaa tilmaama keessa galchuun sirreeffamtoota seeraa dhiira 720 fi dubartoota 25’f dhiifamni akka godhamu taasiseera.

Sirreeffamtoonni kunneen wayita hawaasatti makaman sodaa hawaasaa osoo hin taane nageenya kan labsan, oomishtootaa fi seera kabajdoota akka ta’an mootummaan naannichaa waamicha dhiyeessuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment