Finfinnee, Waxabajjii 22, 2017 (FMC )- Hiriirri tarkaanfiilee mootummaan nageenya naannichaa waareessuuf fudhataa jiru deeggaru Magaaloota Naannoo Amaaraa garaagaraa keessatti gaggeeffamaa jira.
Hiriirichi mata duree ‘Nageenyi hundaaf Hundi nageenyaaf ‘ jedhuun gaggeeffamaa jira.
Haaluma kanaan Magaaloota Gondar, Dabirabirhaan, Dasee, Harbuu, Kombolchaa fi kanneen biroo keessatti gaggeeffamaa jira.
Hirmaattoonni hiriirichaa dhaadannoowwan nageenyi qabeenya walooti, jaalala biyyaa dhaloota ni dhaalchifna jedhuu fi kanneen biroo dhageessisaa jiraachuun eerameera.
Akkasumas dhaadannoowwan nageenyaaf ni dhabbanaa, fiinxaleessummaa ni balaaleeffanna, mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuun nageenya lammiilee eeguu qaba jedhuun hiriiricharratti dhageessifamaa jiraachuun ibsameera.
Kadir Mahaammad, Sablee Akliiluu fi Sintaayyoo Arraageetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.