Finfinnee, Sadaasa 16, 2018 (FMC) – Naannoo Amaaraatti hojii misooma jallisii eegalaman caalmaatti cimsuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Addisuu Araggaan.
Jilli obbo Addisuu Araggaan durfamu Naannoo Amaaraa Godina Bulchiinsa Saba Oromootti argamuun hojiiwwan misooma jallisii daawwateera.
Ministira Ministeera Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Abrahaam Balaay fi Ministira Ministeera Bishaanifi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa dabalatee hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannoo Amaaraa daawwannicharratti argamaniiru.
Naannoon Amaaraa humna Bishaan lafa jalaafi lafarraa hedduu qabaachuu kan eeran obbo Addisuu Argaggaan, qabeenya bishaanii kana bal’inaan misooma jallisiif oolchuuf qaamolee federaalaa dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhan.
Godina Bulchiinsa Saba Oromoo, Aanaa Dawwaa Caffaatti facaasaa qamadii jallisii bonee eegalchiisaniiru.
Hojiiwwan misooma jallisii naannichatti eegalaman caalmaatti cimsuuf qooda fudhattoota waliin marii bu’aa qabeessa taasisuu ibsan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.