Naannoo Harariitti damee tuurizimiirraa galii Birrii miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 40 ol argame

Finfinnee, Hagayya 9, 2017(FMC)- Naannoo Harariitti damee tuurizimiirraa galiin Birrii miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 40 ol argameera jedhe Biiroon Aadaa, Hambaafi Tuurizimii naannichaa.

Biirichatti Daayrektarri Tuurizimii Saamii Abdulwaasiin Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti akka himanitti, bara baajataa 2017’tti daawwattoonni kumni 100 fi kumni 60 ol naannicha daawwataniiru.

Daawwattoonni biyya keessaa bara baajatichaatti baayinaan naannicha daawwachuu eeraniiru.

Jagol, hambaaleen kiliyyaa, hojiileen bobboca aadaafi manneen aadaa daawwattoota biyya keessaafi alaan daawwatamuu kaasan.

Hojiileen misoomaa tumsa mootummaafi hawaasaan hojjetaman lakkoofsi daawwattootaa akka dabaluuf qooda isaanii bahachuus himaniiru.

Magaalaa Harar bakka gahumsa tuuristii gochuufi tuuristoota hawwachuuf aadaafi duudhaalee naannichaa beeksisuurra darbee hojiin haaromsa Jagol hojjetamuu yaadachiisaniiru.

Hojiilee damee tuurizimiirratti hojjetamaniin galiin Birrii miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 40 ol argamuu ibsaniiru.

Yeshaambal Mihiratitu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment