Finfinnee, Caamsaa 9, 2017 (FMC) – Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti abbootii qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 9.9 galmeessaniif eeyyamni Invastimantii kennamuu Biiroon Invastimantii naannichaa beeksiise.
Abbootiin qabeenyaa 151 eeyyama fudhachuu isaanii hoggantuun biirichaa aadde Atsadee Ayizaan ibsaniiru.
Abbootiin qabeenyaa kunneen damee qonnaa, Tajaajilaa, Indaastirii fi kanneen biroorratti bobba’uuf eeyyama kan fudhatan yoo ta’u, lammiilee kuma 33 oliif carraa hojii ni uumuun kan eegamu ta’uu TOI gabaaseera.
Gama biroon abbootii qabeenyaa lafa fudhachuun dhimma biroof oolchaan 34 waliigalteen isaanii adda cituu ibsuun, 62’f ammoo of eeggannoon kennamuu himaniiru.
Erga naannichi hundaa’e as abbootiin qabeenyaa 350 eeyyama Invastimantii fudhachuun hojiirratti bobba’uu isaanii kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia