Finfinnee, Amajjii 19, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaa guutummaatti sosochii diinarraa qulqulleessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Itti Aanaan Komishinara Jeneraalaa fi Hogganaan Qajeelcha Muummee Damee Ittisa Yakkaa Poolisii Oromiyaa Darajjee Baay’isaan.
Godinaaleen Oromiyaa kana dura rakkoo nageenyaa keessa turan hojii nageenya waareessuu murannoo fi kutannoon hojjetameen bu’aa guddaan argamuu ibsan Itti Aanaan Komishinaraa Darajjee Baayyisaan.
Oromiyaa mandhee jeequmsaa taasisuuf diinonni keessaa fi alaa carraaqqiin taasisaa turan murannoo qaamolee nageenyaa fi hoggansa siyaasaan fashalaa’uu himan.
Diinoonni seenaa har’as ummata Oromoo cabsuuf halkanii fi guyyaa dhama’anis dhugaa fi haqaan qabsoofnee injifanneerra jedhan.
Injifannoon argames wareegama ummanni Oromiyaa fiixee hundarra jiran tokkummaan kaffalaniin kan jedhan Itti Aanaan Komishinaraa Darajjee Baayi’isaan, ammaas fedhii fi kaayyoo diinaa akkaan hubachuun dura dhaabbachuun gahee qaama hundaati jedhan.
Keessattuu gurmaa’insa ummataa cimsuun naannawaa sosochii diinarraa bilisa ta’e uumuuf murteessaa ta’uu hubachiisan.
Hawaasa nagaa qabeessa seelii fi loojistiksii diinarraa bilisa ta’e horachuun nageenya waareessuu keessatti gahee olaanaa akka qabu kaasan.
Godina Shawaa Kaabaattis miidhaa farreen nageenyaa fi finxaaleyyiin ummata nagaarraan gahaa turan qolachuuf hojii hojjetameen bu’aa gaariin argamuu dubbatan.
Nageenyaa fi tasgabbii argame itti fufsiisuuf hojiin qindoomina qabu cimee akka itti fufu himan.
Humna Eegaa Rippaablikaaniitti hogganaa Itti Aanaan Oppireeshinaalii Kutaa Waraanaa 1ffaa Koloneel Dimbaruun gama isaaniin, diina ummata dararaa turerratti tarkaanfii cimaan fudhatamaa jiraachuu Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.
Yeroo ammaa ummanni kaayyoo fi Shira diinaa akkaan hubachuun murannoon tumsa qaamolee nageenyaaf kennaa jiruun godinichatti sosochiin diinaa laafuu himan.
Sababa kanaan hidhattoonni hedduun abdii kutachuun mootummaatti harka kennachaa jiraachuu eeran.
Hawaasni qaamni qa’ee Oromiyaa dirree jeequmsaa taasisuuf socho’aa jiruu fi harmee Oromiyaa boochisu, diina hamaa ta’uu hubatee qaamolee nageenyaa fi hoggansa siyaasaa waliin tokkummaan diina burkuteessuu eegalaniiru jedhan Itti Gaafatamaan Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Kaabaa Komaandar Tsaggaayee Tolaan turtii Faanaa Diijitaalii waliin taasisaniin.
Qaamoleen nageenyaa sadarkaa hundarra jiranii fi hawaasni qindoominaan hojii hojjetaniin finxaaleeyyii fi farreen nageenyaa ummata godinichaa daraaraa turan irratti tarkaanfii cimaan fudhatamaa jiraachuu dubbatan Komaandar Tsaggaayyeen.
Ummanni Godina Shawaa Kaabaa kaleessa sababa shanee fi finxaaleyyiin rakkoo keessa ture tarkaanfii gurmaa’aa fi qindoomina qabu fudhatameen har’a ummanni nagaan bahee akka galu gochuun danda’ameera jedhan.
Hidhattoonni hedduun waamicha nageenyaa mootummaan dhiyeesse fudhachuun galuu fi kaan irratti ammoo tarkaanfiin fudhatamuu kaasan.
Ammatti hawaasni sodaa tokko malee qaamoolee nageenyaa waliin ta’uun nageenya isaanii mirkaneessaa jiraachuu kaasan.
Dabballee, seelii fi loojistiksii diinaa saaxiluun dabarsanii kennaa akka jiran dubbatan.
Hoggantoonni kunneen konferaansii nageenyaa mata-duree “Nageenya waaraa Badhaadhina Waloof” jedhuun kutaa magaalaa Sulultaatti gaggeeffameerratti argamuun hawaasa waliin mari’ataniiru.
Nageenya waareessuuf hojiilee kutaa magaalichaatti hojjetamaniin bu’aawwan argaman kan dinqisiifamaanii fi muxannoo guddaa ta’uu ibsan.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia#Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.