Naannoo Oromiyaatti adeemsi baruufi barsiisuu bara barnootaa 2018 eegale

Finfinnee, Fulbaana 5, 2018(FMC)- Naannoo Oromiyaatti adeemsi baruufi barsiisuu bara barnootaa 2018 guyyaa har’aa eegaleera.

‎Naannichatti adeemsi baruufi barsiisuu bara kanaa guyyaa har’aa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Daallee Dambalitti eegalchiifameera.

‎Sagantaa kanarratti Hogganaa Itti aantuu Biiroo Barnootaa Oromiyaa aadde Habiibaa Ahimad dabalatee barattoonni, maatiin barattootaafi keessummoonni biroon argamaniiru.

‎Naannichatti hojii Manneen Barnootaa Bultii Addaaf xiyyeeffannoo kennamee hojjetameen bu’aa gaariin argamuu aadde Habiibaan ibsaniiru.

Gammachuu Beekumaatu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment