Finfinnee, Sadaasa 29, 2018 (FMC)- Guyyaan Turizimiii Addunyaa Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Godina Baalee Bahaa Magaalaa Gindhiritti kabajameera.
Guyyichi mata duree “Turizimii fi Jijjirama Itti Fufiinsa qabu ” jedhuun kabajamuun ibsameera.
Hogganaan Itti Aanaa Biiroo Aadaa fi Turizimii fi Hogganaan Damee Turizimii Oromiyaa obbo Salamoon Taammiruu haasawa taasisaniin Biirichi karoora misooma turizimii Itti fufiinsa qabu mirkaneessuu fi qabeenya dilbii hawwata turizimii naannichaa qorachuu fi beekisuu irratti xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Godinni Baalee bakka hawwata turizimii fi qabeenya uumama hedduu qabaachuu eeruun, qabeenyi Baalees qabeenya Itiyooophiyaarra darbuun kan addunyaa ta’uu dubbataniiru.
Turizimiin utubaa dingadee biyya keessaa tokko ta’uu kan kaasan immoo Bulchaa Godina Baalee Bahaa obbo Jaarsoo Booruuti.
Godinni Baalee lamaanuu bakka hawwata turizimiin kan badhaadhan ta’uu ibsaniiru.
Qabeenya gurguddaa godinichaa caalmaatti beeksisuun yaa’iinsa turisitii dabaluuf qaamoleen hundi gahee isaanii bahachuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Feenaan Nuguseetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.