Finfinnee, Waxabajjii 2, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti Hojiileen misooma Aadaarratti hojjetaman muxxannoon kan irraa fudhatamuudha jedhan Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Aadde Shawiit Shaankaan.
Aadde Shaawiit Shaankaa fi Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa, akkasumas hoggantoonni mootummaa biroon magaalaa Shaggaritti hojiilee misooma Aadaa daawwataniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa uummanni aadaafi duudhaa gabbataa qabu dagaagsee jiruufi jireenya isaa akka geggeeffatuuf cabiinsa aadaa ture suphuuf tarkaafilee garaa garaa fudhatee hojii hojjechaa jiruun akka biyyaatti fakkeenyummaa gaarii ta’uu danda’eera.
Hojiileen misooma aadaa kunneen kan muuxannoon irraa fudhatamu ta’uu Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Aadde Shawiit Shaankaan daawwannicharratti ibsaniiru.
Keessattuu hojiin manneen murtii aadaa gara hojiitti galchuuf hojjetame kan dinqisiifamuudha jedhan.
Tarkaanfilee fudhataman keessaa cabinsa aadaafi duudhaa uummata furuun uummanni haqa isaa qe’ee isaatti akkaataa aadaafi duudhaa isaatti akka argatuuf Manni Murtii Aadaa hundeeffamuun hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Jimaalqa Simbiruun dubbataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.