Naannoo Oromiyaatti oomisha aannanii guddisuuf hojjetamaa jira – Biiricha

Finfinnee, Sadaasa 4, 2018(FMC) – Naannoo Oromiyaatti kurmaana 1ffaa bara 2018tti aannan liitirri biliyoonni 1 fi miliyoonni dhibba shan akka oomishame Biiroon Qonnaa naannichaa ibseera.

Hogganaa itti aanaan biirichaa fi ittigaafatamaan Damee Beelladootaa obbo Toleeraa Dabalaa Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, bara baajetaa kanatti oomishaa fi oomishtummaa aannanii guddisuuf xiyyeeffannaa addaan hojjetamaa jira.

Sagantaa Maaddii Guutuu fi inniisheetiivoota adda addaa hojiirra oolchuun damicha keessatti bu’aaleen qabatamaan galmaa’aas jira.

Oomishtummaa aannanii guddisuuf sagantaa diqaalomsuu idilee fi karaalee adda addaan sanyiiwwan loonii fooyya’oo dhyeessuun danda’ameera.

Bara baajetaa 2018tti aannan liitira biliyoona 4 fi miliyoona dhibba 8 oomishuuf karoorfamee, kurmana 1ffaa qofatti aannan litirri biliyoonni 1 fi miliyoonni 500 oomishuun danda’ameera.

Rakkoolee gabaa aannanii akka naannichaatti mul’atan furuufis qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jira.

Walitti hidhamiinsa gabaa seera qabsiisuu fi daldaltoota seeraan alaa ittisuuf koreen hundaa’ee addatti to’achuu irratti argama.

Aannanii fi bu’aaleen aannanii adeemsa waarshaa keessa darbanii gabaaf akka dhiyaataniif hubannoon umamamaa jiras jedhan.

Omishaalee aannanii waldaaleen interpiraayizoota xixiqqaa fi dargagootni waldaan gurmaa’an akka walitti qabaniifi waarshaaleef akka dhiyeessaniif qajeelfamni ba’ee hojiirra oolaa jiraachuus obbo Toleeraan ibsaniiru.

Malaakuu Gaddifiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf:

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment