Naannoo Oromiyaatti qabeenya manneen barnootaa sirnaan fayyadamuun akka of cimsan xiyyeeffannaan hojjetama – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Amajjii 12, 2018(FMC) – Naannoo Oromiyaatti qabeenya manneen barnootaa sirnaan fayyadamuun akka of cimsaniif xiyyeeffannaan hojjetama jedhan pirezidaantii itti aanaan Naannichaa Obbo Awwaluu Abdii.

Wabii nyaataa hawaasaa mirkaneessuuf hojiiwwan mootummaa naannichaan xiyyeeffannoon kennameefii hojjetamaa jiran keessaa lafti misoomuu danda’u duwwaa akka hin teenye bal’inaa fi baay’inaan misoomsuu akka ta’es himan.

Hojiiwwan hammattoo kana keessatti hojjetaman keessaa manneen barnootaa lafa mooraa isaanii keessa jiru misoomsuun sagantaa nyaataa barattootaa ofiin akka guuttataniif hojjechuun tokko ta’uu himan.

Obbo Awwaluun akka dubbatanitti, jijjiramaa asi naannichatti hojiin gama dinagdee, barnootaa fi tekinooloojiin hojjetame bu’aa argamisiiseera.

Keessumaa gargaaramuu irraa gara oomishuutti ce’uun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetaman bu’aa hedduu galmeessuu isaaniis ibsaniiru.

Mootummaan naannichaas dhaloota barnootaa fi tekinooloojiin ijaaruu kallattii xiyyeeffannaa godhatee hojjechaa jiraachuu eeranii, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf galii manneen barnootaa fooyyessuu fi sagantaa nyaataa barattootaa cimsuuf hojjetamaa akka jirus dubbataniiru.

Keessumaa galteewwan manneen kitaabaa fi laaboraatorii guutuu fi tekinooloojiiwwan ammayyaa dhiyeessuun kenniinsa barnoota dijiitaalaa cimsuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhan.

Galiin mootummaa, muummataa fi tola-ooltota irraa argamu kophaa isaa bu’uuraalee misoomaa qulqullina barnootaa guutuu fi dhaloota tekinooloojii fayyadamu uumuuf ga’aa akka hintaanes dubbachuu isaanii ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment