Naannoo Oromiyaatti sanyii filatamaan kuntaalli kumni 700 ol raabsamaa jira

Finfinnee, Ebla 28, 2017(FMC)-Naannoo Oromiyaatti bara oomishaa 2017/18’f sanyii filatamaan kuntaalli kumni 700 fi kumni 50 qonnaan bultootaaf  raabsamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Biirichatti Daarektarri dhiyeessii galteeewwan qonnaa obbo Taakkalaa Qurundee Faanaa Diijitaaliitti akka himanitti, oomishaafi oomishtummaan guddisuuf galteewwan qonnaa haalaan dhiyaachuu qabu.

Galteewwan qonna gannaaf barbaachisan guutuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Fedhiin sanyii filatamaa dabalaa dhufuu kaasuun, bara baajataa kanatti sanyii filatamaa kuntaala miiliyoona 1fi kuma 800 dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Hanga ammaatti sanyii filatamaan kuntaalli kumni 700fi kumni 50 qonnaan bultootaaf raabsamaa jira jedhaniiru.

Sanyiiwwan filatamaa boqqolloo, qamadii,garbuu, xaafii fi kanneen biroo ariitiin raabsuuf yuuniyeenotaafi waldaalee hojii gamtaa waliin tumsaan hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

Comments (0)
Add Comment