Finfinnee, Adoolessa 4, 2017 (FMC) – Naannoo Somaaleetti bara baajataa 2017’tti galiin Birrii biiliyoonni 18 fi miiliyoonni 500 sassaabame.
Hogganaan Biiroo Galiiwwanii naannichaa obbo Mahaammad Abdiin Faanaa Diijitaaliitti akka himanitti, dandeettii sassaabbii galii naannichaa guddisuuf hojiilee hedduun hojjetamaniiru.
Bara baajataa kanatti galii Birrii biiliyoona 17 fi miiliyoona 600 sassaabuuf karoorfamee Birrii biiliyoonni 18 fi miiliyoonni 500 sassaabuun karooraa ol %105 milkeessuun danda’amuu dubbataniiru.
Galiin bara kana walitti qabames kan bara 2016 waliin yoo madaalamu caalmaa %36.5 qabaachuu yaadachiisaniiru.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.