Naannoo Somaaleetti Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob hojii eegale

Finfinnee, Mudde 11, 2018 (FMC)- Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob guyyaa har’aa eebbifamuun hojii eegaleera.

Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob hojmaata lammiileen teeknooloojiin deeggaramuun tajaajiloota garaagaraa kara ammayyaa’aan ta’een bakka tokkotti itti argataniidha.

Guyyaa Har’aas Naannoo Somaaleetti giddugalichi hojii eegaleera.

Giddugalichi Pireezidaantii naannichaa obbo Musxaafee Muhaammadii fi Waajjira Ministira Muummeetti Ministir Deetaan Dhimmoota Kaabinee obbo Akiliiluu Taaddasaa hojii eegalchiisaniiru.

Giddugalli Magaalaa Jigjigaatti ijaarame kun boqonnaa jalqabaan dhaabbiileen 9 tajaajiloota 32 qindoomuun kan itti kennan ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment