Naannoo Tigraayitti adeemsa marii biyyaalessaa eegalchiisuuf haalli mijataan uumameera- Komishinicha

Finfinnee, Hagayya 2, 2017(FMC)- Komishiniin Marii Biyyaalessaa Naannoo Tigraayitti adeemsa marii biyyaalessaa eegalchiisuuf haalli mijataan uumameera jedhe.

Hoggantoonni Komishinii Marii Biyyaalessaa tibbana gara naannichaatti imaluun qaamolee garaagaraa waliin mari’achuun ibsameera.

Dubbi Himaan Komishinichaa obbo Xibabuu Taaddasaan akka jedhanitti, hoggantoota bulchiinsa yeroo naannichaa, paartilee siyaasaa naannicha keessa socho’aniifi waldaalee siiviilii waliin mari’atameera.

Waltajjiiwwan gaggeeffamaniin waliigalteen Piriitooriyaa hojiirra akka oolu, buqqaatonni gara qe’eesaaniitti akka deebi’anfi gaaffileen biroon dhiyaachuu kaasaniiru.

Gaaffileen kunneen akka haalduree barbaachisootti osoo hin taane hojiirra yoo oolan adeemsa marii ni deeggaru ilaalcha jedhuun kan ka’an ta’uu hubachiisaniiru.

Waltajjiichaan mariiwwan bu’aa qabeessi adeemsa marii biyyaalessaa deeggaruu danda’an gaggeeffamaniiru jedhan.

Tattaaffii Uummanni naannichaa uummattoota biyyattii biroo waliin ta’uun rakkoolee furuuf taasisu keessatti hundi gaheesaa akka bahatu komishinichi waamicha dhiyeesseera.

Wandimmuu Addunyaatu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment