Naannoo Tigraayitti waldaalee qaama miidhamtootaaf deeggarsi meeshaalee taasifame

Finfinnee, Sadaasa 24, 2018 (FMC) – Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa guyyaa qaama miidhamtootaa idil addunyaa sababeeffachuun waldaalee qaama miidhamtootaa naannoo Tigraayitti argamaniif deeggarsa meeshaalee taasiseera.

Meeshaalee garaagaraa Birrii miiliyoona 7 baasanii fi maallaqa Birrii kuma 700 deeggarsaan kenneera.

Meeshaaleen kunneen qaama miidhamtoota naannichaaf murteessaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Huuriyaa Aliin dubbataniiru.

Deeggarsi eegalame cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessan.

Pireezidaantiin naannoo Tigraay Leetanaal Jeneraal Taaddasaa Warradaan gama isaaniin naannichatti haalli nageenyaa fooyya’aa dhufuu himuun, guyyaan qaama miidhamtootaa naannichatti akka kabajamu qaamolee qooda qaban hunda galateeffataniiru.

Fayyadamummaa fi hirmaannaa qaama miidhamtoota naannichaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu kaasan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment