Naannoon Daldala Bilisaa Afrikaa Gabaa Daldalaa Bal’aa Uumuuf Gahee Murteessaa Qaba — Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkoloolessa 14, 2019 (FMC) — Naannoon Daldala Bilisaa Afrikaa gabaa biyyoota Afrikaa walitti hidhuun naannawa daldalaa bal’aa fi walitti hidhame uumuuf gahee murteessaa akka qabu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Fooramii Nageenyaa Olaanaa Xaanaa yeroo 12ffaaf, mata-duree “Daandiiwwan Nagaa Afrikaa: Birmaddummaa Dinagdee fi Ce’umsa J’oopoolitikaa” jedhuun gaggeeffame irratti argamuun haasawa taasisaniin, walitti hidhamiinsa dinagdee Afrikaa fi dandeettii dhaabbilee cimsuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Biyyoota Afrikaatiif bu’uuraaleen misoomaa daandii amanamoo ta’an jiraachuun murteessaa ta’uu kan ibsan Dooktar Abiy Ahimad, bu’uuraaleen misoomaa oomishtoota gabaa waliin walqunnamsiisuun sochii daldalaa saffisiisuu qofa osoo hin taane, hawaasaafis faayidaa qabatamaa akka argamsiisan dubbataniiru.

Naannoon Daldala Bilisaa Afrikaas gabaa biyyoota ardichaa walitti hidhuun naannawa daldalaa bal’aa uumuuf, walitti hidhamiinsa daldalaa babal’isuuf akkasumas carraa gabaa oomishtootaaf jiru guddisuuf akka gargaaru ibsaniiru.

Dabalataanis, hojiiwwan seera kabachiisuu cimsuun cancala seeraan alaa walitti bu’iinsotaaf deeggarsa maallaqaa taasisan diiguuf gahee murteessaa akka qabu ibsaniiru.

Kana milkeessuufis biyyoota Afrikaa gidduutti tumsi qindaa’aan fi dhaabbileen amanamoo ta’an jiraachuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Kana ilaalchisee, Gamtaan Afrikaa fi dhaabbileen naannawaa ogeeyyii dandeettii qaban, ardichaa guutuu irraa haala walqixa ta’een bakka bu’an hammachuu akka qaban kaasaniiru. Haa ta’u malee, haalli kun guutummaatti jiraachuun isaa shakkii keessa akka jiru eeraniiru.

Dhaabbileen kunneen aangoo fi itti gaafatamummaa isaanitti kenname gahumsaan bahachuuf dandeettii gahaa, akkasumas hojiiwwan karoorfaman milkeessuuf baajata gahaa qabaachuu akka barbaachisu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad cimsanii hubachiisaniiru.

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment