Naannoon Kibba Lixa Itiyoophiyaa xumuramuu Hidha Haaromsaarraa humna misoomaa ni argata- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Fulbaana 9, 2018(FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan qabeenya uumamaan kan badhaadheefi bakka argama mi’eessituuwwan garaagaraa kan ta’e Naannoon Kibba Lixa Itiyoophiyaa xumuramuu Hidha Haaromsaarraa humna misoomaa ni argata jedhan.

Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, hojii dinqisiisaan Hidha Haaromsaan hojjetame raawwii dinqisiisaa uummata hirmaachiseefi fayyadamaa taasise ta’uu ibsaniiru.

Hiriirri deeggarsaa xumuramuu Hidha Haaromsaa sababeeffachuun guyyaa har’aa naannichatti gaggeeffame kaleessa ka’umsa godhachuun kaayyoo akka biyyaatti qabanne badhaadhina Itiyoophiyaarra gahuuf miira jabinaa kan uumanidha jedhan.

Akkuma tattaaffii uummataafi mootummaan Hidha Haaromsaa milkeessine, uummanni naannichaa yeroo itti aanutti kuufama qabeenya uumaan isa badhaase misoomsuun injifannoo dabalataa akka galmeessu amantaa qabaachuus ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment