Finfinnee, Amajjii 1, 2018 (FMC) – Naannoon Oromiyaa waggaa guutuu hojii misoomarraa jirti jedhan Pireezidaantii Itti Aanaan mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin.
Obbo Awwaluun godina Shawaa Kaabaa Aanaa Baraakitti sassaabbiin oomishaa daawwataniiru.
Naannoo Oromiyaatti fayyadamumaa qonnaan bultoota dabaluu fi oomishaa fi oomishtummaa caalmaatti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu obbo Awwaluun kaasaaniiru.Akka Naannoo Oromiyaatti lafa heektara miiliyoona 11 oomishaan uuwwifame keessa lafa heektara miiliyoona 9 irraa oomishni sassabamu hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuun ibsaniiru.
Oromiyaan gannaa bona oomishaa jiraachuu dubbatan.
Bara kana callaa kuntala miiliyoona 300 fi miiliyoona 68 ol sassabamuf karoorfamee hanga ammaatti kuntalli miiliyoona 200 fi miiliyoonni 70 ol walitti qabamu kaasaan.
Bulchaan godina Shawaa Kabaa obbo Kaffaloo Adaree gama isaaniin godinichaatti jijjiramni gama qonnaatiin gaarii ta’uu dubbatan.
Miidhagsaa Qachaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.