Finfinnee, Bitootessa 1, 2018 (FMC) – Naatoon Uumamaa Holqi Naasi’ool Godina Harargee Bahaa Aanaa Malkaa Balloo ganda Tokkummaa Bilisummaatti argama.
Godina Harargee Bahaa, Baalee Lixaa fi Naannawaa Godina Arsiitti Holqaaleen raajii ta’an hedduun kan argaman ta’uu qorataan Holqaa Obbo Naasir Ahimad ni dubbatu.
Holqoota jiran keessaa Holqi Naasi’ool holqa raajii ta’uu ibsan.
Maalummaa holqa kanaas qorachuun kan beeksise obbo Naasir Ahimad Holqi Naasi’ool balbala 59 qabaachuu isaa himan.
Bal’inni holqa kanaa saantimeetira 60 hanga meetira 100.3 yoo ta’u, bineensoonni bosonaa kan akka Gadamsaa, Boroofaafi Shimbirroonni gosa adda addaa naannawichatti argamu.
Bakki seenaa qabeessi kun Finfinnee irraa Kiiloo meetira 555 irratti argama.
Qorannoo Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa gaggeesseen holqa haarawaa maqaa ogeessa qorataa holqaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa tin Holqa Naasi’ool jedhamun moggaafameedha.
Maqaan Naasi’ool jedhamu jecha ” naasi” fi’’ ool” jedhu irra kan moggaaffameedha.
”Naasi” jechuun hiikaan isaa maqaa qorataa holqa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Naasir jedhamu irraa kan dhufe yoo ta’u, “ ool ” jechuun ammoo gubbaa jechuudha.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad fi Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoon Godina Harargee Bahaa Aanaa Malkaa Bal’ootti argamuun holqa seena qabeessa kana daawwataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.