Finfinnee, Amajjii 2, 2018(FMC) – Dorgommii Waancaa Afrikaa 2025 qopheessummaa Moorookoon geggeeffamaa jiruun tapha nuusa xumuraan Naayijeeriyaan Aljeeriyaa 2 fi O’n injifatteetti.
Galgala sa’aatii 1:00 irratti tapha taphatameen galchiiwwan Viiktor Osmeen fi Akoor Addaamsi lakkoofsisaniin Naayijeeriyaan Aljeeriyaa 2-O’n injifachuun walakkaa xumuraaf darbiteetti.
Kana hordofees Naayijeeriyaan kaameeruuniin injifachuun walakkaa xumuraaf kan darbite Morookoo waliin nitaphatu..
Galgala sa’aatii 4:00 irrattis tapha nuusa Xumuraa isa dhumaan falmiin Ijiptii fi Kootidivowaar taphatan baay’ee kan eegamuu dha.
#Oromia #Ethiopia