Nagaheen gurgurtaa harkaa harkaattii koodii addaa hin qabne boruu eegalee hojiirra hin oolu – Ministeericha

Finfinnee, Mudde 30, 2018 (FMC) – Nagaheen gurgurtaa harkaa harkaattii koodii addaa hin qabne boruu eegalee hojiirra hin oolu jedhe Ministeerri Galiiwwanii.

Ministeerichi yakka waliin dhahuu Taaksiirratti raawwatamu ittisuuf Nagahee Koodii Addaa(QR Cod) qabu bara darbe baatii Muddee hojiirra oolchuun ni yaadatama.

Boruu eegalee nagaheen gurgurtaa harkaa harkatti raawwatamu kan koodii addaa hin qabne guutummaatti dhorkamuu ministeerchi ibseera.

Haaluma kanaan Amajjii 1, 2018 eegalee nagaheen koodii addaa qabu guutummaatti hojiirra kan oolu ta’uu hime.

Kaffaltoonni gibiraa nagaheen akka maxxanfamuuf gaaffii dhiyeessanii hanga ammaatti hin fudhanne Waajjira damee gibira itti kaffalanii nagaheewwan kanneen akka fudhatan yaadachiisera.

Dhaabbilee daldalaa qajeelfama kana hojiirra hin oolchinerratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu hubachiiseera.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment