Finfinnee, Hagayya 15, 2018(FMC) – Nageenya biyya eeguun lammilee biyyattii hunda ilaallata jedhan jiraattonni Naannoo Benishaangul Gumuz, Magaalaa Baambasii.
Jiraattonni magaalattii Faanaa Miidiyaa Korpooreshiniif yaada isaanii kennan akka ibsanitti, Itiyoophiyaan biyya saboonniifi sab-lammootni wal-danda’anii, nagaa fi jaalalaan kessa jiraataniidha; magaalaan isaaniis kanaaf akka fakkeenyaatti kan eeramtuu dha.
Tokkummaa fi wliin jireenyi barootaaf ture kun rakkoolee mudatan dandamatee akka itti fufuuf barbaachisummaan Marii Biyyaalessaa itti amanamee Mootummaa Ida’amuun hojiirra oolaa jiraachuus yaadachiisan.
Maree kanaan tokkummaa fi nagaan biyyattii gufuuwwan adda addaa irraa dandamatee gara fuulduraatti cimee akka itti fufu kan amanan ta’uus dubbatanii, garaagaruumma yaadaa kamiyyuu mariin furuun aadaa siyaasaa biyya kanaa keessatti baratamuu akka qabus hubachiisan.
Marii kanaan fedhii siyaasaa fi ilaalchi uummattoota biyyattii gara tokkotti dhufuu akka malus ibsanii, qabxiilee marii kanaan irratti waliigalamu hojiitti hiikuu, bu’aa marii dhaloota barsiisuu, biyya nagaa fi dimokiraatawaa taate ijaaruun barbaachisaa ta’uus kaasan.
Nagaa waaraa barbaadamu biyyattii keessatti fiduufis lammiileen hundi itti gaafatama walqixxee waan qabaniif, ga’ee isaanii ba’achuuf hunduu tumsuu akka qabu hubachiisaniiru.
Galaanaa Tasfaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia