Nageenya imala dijiitaalaa keenya eegsisuun dhimma filmaata hin qabnedha- Aadde Alamtsahaay Phaawuloos

Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2018(FMC)- Nageenya imala dijiitaalaa keenya eegsisuun dhimma filmaata hin qabnedha jedhan Itti gaafatamtuun Waajjira Ministira Muummeefi Ministirri Dhimmoota Kaabinee aadde Alamtsahaay Phaawuloos.

Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoon kan qophaa’e baatiin nageenya saayibarii biyyaalessaa 6ffaan mata duree “ Nageenya Saayibarii-Bu’uuraa diijitaalaa Itiyoophiyaa” jedhuun guyyaa har’aa gaggeeffamuu eegaleera.

Aadde Alamtsahaay Phaawuloos saganticharratti ergaa dabarsaniin, bara addunyaan gara ce’umsa dijiitaalaatti seente kanatti dhimma nageenya saayibariif xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha jedhan.

Barbaachisummaa nageenya saayibarii hubachuun hundi gaheesaa bahachuuf kutannoo akka qabaatus hubachiisaniiru.

Daayrektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Tigist Hamiid gama isaaniin, kaayyoon guddaan baatii nageenya saayibarii kabajuu hubannoo nageenya odeeffannoo saayibarii lammiileefi dhaabbilee guddisuuf ta’uu ibsan.

Kanaaf sagantaaleen hubannoo uumuu kan gaggeeffaman ta’uu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment