Finfinnee, Amajjii 11, 2017 (FMC)-Ummanni nageenya Magaalaa Goondar cimsanii akka eegan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen hubachiisan.
Ayyaana Cuuphaa Magaalaatti kabajamerratti Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee, Afyaa’ii Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyawu Tashaagar, Pireezidaantii Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.
Pireezidaanti Taayyeen, ergaa dabarsaniin, gatiin nagaa qaalii waan ta’eef nageenya Magaalaa Goondar cimsa eegaa jedhan.
Magaalaan Goondar giddugala beekumsaa fi ogummaati jedhanii, kanneen qabeenyaa fi hambaalee durii eeganii tursiisan galateeffataniiru.
Dhaloonni ammaas daandii abbootii isaanii hordofuun seenaa itti fufsiisuu akka qaban hubachiisan.
Minaalee Ayyanawutu gabaase.