Finfinnee, Guraandhala 24, 2018(FMC)- Ministirri Ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad Ministiroota Ittisaa fi hoggantoota jilawwan bayyoota garaa garaa waliin mari’ataniiru.
Injiinar Ayishaan Ministiroota Ittisaa Keeniyaa, Sudaan Kibbaa, Zimbaabwee, Zaambiyaa, Rippaabilika Koongoo, Bootiswaanaa, Ruwaandaa, Koongoo, Kaameruun, Maaliifi Aljeeriyaa waliin kan mari’atan.
Sadarkaa raawwii waligalteewwan tumsaa biyyoota kanneen waliin kanaan dura mallatteeffaman irra jiran gadi fageenyaan gamaaggamamuutu eerame.
Injinar Ayishaan wayita kana akka dubbatanitti, Injifannoon Adwaa sodaawwan nageenyaa fi tasgabbii yeroo ammaa Afrikaa mudatan waliin ittisuuf akka madda hafuuraa guddaa fi hammattoo tumsaatti itti fayyadamuu barbaachisa.
Hubannoo waloo nagaa fi tasgabbii ardittii mirkanessuuf gargaaru qabaachun tokkummaa fi tumsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.
Waltajjichaan dameelee ce’umsa tekinoolooji loltummaan, leenjii fi waljijjiirraa muuxannoon waliin hojjechuuf waliigalteerra ga’amuunis ibsameera.
Shororkeessummaa fi sodaawwan nageenyaa waloon ittisuuf kallattiiwwan tumsaa tarsiimawoos kaa’amaniiru.
Ministiroonni Ittisaa biyyoota kanneeniis gama isaaniin, ga’ee Itiyoophiyaan nagaa fi tasgabbii Afrikaaf gumaachaa jirtu dinqisiifataniiru.
Ummatoonni Gurrachi kan itti boonan injifannoo Adwaa Itiyoophiyaatti argamuun obboloota isaanii waliin kabajuu isaaniifis akka gammadan ibsaniiru.
Gara fuula duraattis ijaarsa dandeettii ittisaa waloo irratti murannoon hojjechuuf fedhii cimaa qabaachuus mirkaneessaniiru.
Mareen gammlamee kun dhaggeeffatamummaa dippilomaasii Itiyoophiyaan Afrikaatti qabdu cimsuu bira darbee walitti hidhamiinsa nageenyaa ardattii mirkaneessuuf yaalii dippilomaasii geggeeffamu caalmaatti akka cimsus eerameera.
Mareen kun ayyaana injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa sababeeffachuun konfiransii Ittisaa 2ffaa taa’amee ture cinatti geggeeffamunis himameera.
Malaakuu Gaddifiin
#Oromia #Ethiopia