Finfinnee, Guraandhala 20, 2018 (FMC) – Nageenya waaressuun hirmaannaa qaamolee hundaa gaafata jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen.
Mariin waloo nageenyaa sadarkaa biyyaalessaa 8ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Walitti bu’iinsi bakkeewwan garaagaraatti uumamu dhaloota gatii kaffalchiisaa jiraachuu dubbatan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen saganticharratti ergaa dabarsaniin.
Walitti bu’iinsi kun dhaloota itti aanutti akka hin ceene ummanni tokkummaan nageenya waareessuu qaba jedhan.
Hariiroo ummataa fi tumsa hawaasummaa cimsuun nageenya waareessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu kaasan.
Ministirri Ministeera Nageenyaa Mahaammad Idiriis gama isaaniin, mootummaan nageenyaaf dursa laachuun hojjechaa jiraachuu dubbatan.
Qaamoleen iddoolee adda addaatti nageenya ummataa jeeqaa jiran daandii nageenyaatti dhufuu qabu jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.