Nageenyaa fi misooma waaraa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf tokkummaa sabdaneessaa mirkaneessuun barbaachisaadha – Obbo Adam Faaraahi

Finfinnee, Mudde 13, 2018 (FMC) –Nageenyaa fi misooma waaraa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf tokkummaa sabdaneessaa mirkaneessuun barbaachisaadha jedhan sadarkaa itti aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Itti Aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraahi.

Tokkummaa sabdaneessummaa Itiyoophiyaa mirkaneessuun yoo hin danda’amne Nageenyaa fi misooma waaraa Itiyoophiyaa dhugoomsuun hin yaadamu jedhan obbo Adam Faarahi turtii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin waliin taasisaniin.

Itiyoophiyaan walitti bu’iinsa keessaa bu’uu kan dadhabde madaala eenyummaa qeenxee fi eenyummaa biyyaalessaa gidduu jiru eegsisuu dadhabuu isheen jechuun ibsan.

Seenessa waloo hunda walitti hidhu ijaaruun waan dadhabameefi jedhan.

Rakkoolee kanneen furuuf tokkummaa sabdaneessaa ijaaruun dirqama ta’ee ibsan.

Tokkummaa sabdaneessaa ijaaruun badhaadhina hundagaleessa, nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu eeran.

Malaakuu Gaddifiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment