Nageenyaa fi tasgabbii eegsisuu keessatti gahee Poolisii…

Finfinnee, Mudde 5, 2018 (FMC) – Nageenyaa fi tasgabbii ummataa mirkaneessuu keessatti tajaajilli Poolisii hawaasaa gahee ol’aanaa taphateera jedhe Komishiniin Poolisiin Oromiyaa.

Komishiniin Poolisii Oromiyaa fakkeenyummaa tajaajila Poolisii hawaasaan jiraattota magaalaa Adaamaatiin galateeffameera.

Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa nageenyaa fi tasgabbii ummataa caalatti mirkaneessuuf Poolisii idilee waliin tumsaan tajaajila Poolisii hawaasaan gochaa jiru fakkeenyummaan kan eeramu ta’uun ibsameera.

Nageenya irratti hawaasa waliin tumsaan hojjechuu, Aadaa rakkoon utuu hin babal’anne ariitiin hiikuu fi Jijjiirama caaseffama dhaabbatummaa Poolisii waliin tajaajilli Poolisii hawaasaa hojjetame galmoota misooma mirkaneessuu keessatti gahee ol’aanaa qaba jedhameera.

Hogganaa qajeelcha olaanaa Poolisii bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Komishinar Shawaayyee Dachaasaa, Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa Poolisii hawaasaa bara 1999 hundeessuun waggoota 19’an darban Yakka dursanii ittisuun nageenyi itti fufiinsaan akka jiraatuufi taasisuu ibsaniiru.

Itti aanaan Komishinara Jeneraalaa fi Hogganaan qajeelcha muummee ittisa yakkaa Poolisii Oromiyaa Komishinar Darajjee Baay’isaa gamsaaniin, nageenyi furtuu waa hundaa ta’uufi Iccitii milkaa’ina nageenyaaf tajaajilli Poolisii hawaasaa magaalaa Adaamaa Oromiyaaf fakkeenyummaa guddaa ta’uu dubbataniiru.

Oliyaad Ahimadiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment