Nageenyi guutummaatti akka mirkanaa’uuf uummanni akka tumsu Abbootiin Gadaa dhaamsa dabrsan

Finfinnee, Adoolessa 5, 2017(FMC) – Abbootiin Gadaa Sikkoo Mandoo yaa’iif Hara Laangannoo jiran uummanni nagaa isaa akka eeggatu dhaamsa dabarsan.

Yaa’iin Abbootii Gadaa Sikkoo Mandoo Godina Arsii Lixaa aanaa Arsii Nageellee Hara Laangannoo irratti geggeeffamaa jira.

Sirna waggaa waggaan geggeeffamu kana irratti nagaatu lallabama, dhimmoota hawaas dingdee uummatichaa ilaalchisee ergaatu darba.

Sirna har’a eegalame kana irratti kan hirmaatan Abbootiin Gadaa Sikkoo Mandoo dhimma nagaa ilaalchisee dhaamsa dabrsaniiru.

Sirni Gadaa nagaa labsuun nageenya hawaasa eegsisa jedhan Abbootin Gadaa yaa’ii guyyaa jalqabaa dhaddachaa Guutaa, hara Laangannootti adeemsisaaniin.

Oromoon mari’atee nageenya buusa malee hidhatee bosona seenuun nageenni dhufu hin jiru kan jedhan abbootiin Gadaa Sikkoo Mandoo, qaamoleen nageenya booressan garaa Nagaattii akka dhufan yaamicha dabarsaniiru.

Wal ijjeessuun fafa, duudhaa sirna Gadaa cabsaa waan ta’eef qaamoleen hawaasa kamiyyuu nageenyi qa’ee isaa akka eegamuuf gahee isaa bahuu qaba jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Kululaa Garbichaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: ofii

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment