Nageenyi magaalaa keenyaa akka hingufanne eegsisuu dandeenye – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Hagayya 26, 2017(FMC) – Raayyaa nageenyaa uummata keessaa foo’uun nageenyi magaalaa keenyaa gocha kamiinuu akka hingufanne gochuu dandeenyeera jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen.

Magaalichatti miseensonni Raayyaa Nageenyaa marsaa 5ffaa leenjii dirree fi tiyoorii fudhatan har’a eebbifamaniiru.

Kantiibaa Adaanech sirna eebbaa kana irratti argamuun ergaa dabarsaniin, nageenya waaressuu fi kunuunfachuun ittigaafatama lammii hundaa ta’uu hubachiisan.

Raayyaa Nageenyaa uummata keenya keessaa foonee nageenya magaalaa keenyaa gocha faallaa kamirraayyuu eeguu dandeenyeerra jedhan.

Eebbifamtoota har’aa dabalatee miseensonni Raayyaa Nageenyaa kumni 200 fi kumni 75 ol ijaarsa nageenyaa, jijjiirama dinagdee ariifataa fi sochii hawaasummaaf qooda gumaachaa jiran galateeffataniiru.

Miseensonni Raayyaa Nageenyaa humna, beekumsaa fi yeroo isaanii bilisaan kennuun kan tajaajilan ta’uus ibsaniiru.

Finfinneen Gamtaa Afrikaa dabalatee teessoo dhaabbilee idil-addunyaa fi giddugala dippiloomaasii ta’uu ishee ibsanii, milkaa’ina yaa’iiwwan idil-addunyaa guyyoota itti aanan geggeeffamaniif ittigaafatamummaan akka tajaajilan yaadachiisan.

Miseensonni kunniin dhiibbaa magaalattiin addunyaa irratti qabduu fi yaa’iiwwaniiif mijooftuu ta’uu ishee haala cimsuun jaalalaa fi namuusaan akka keessummeessan gaafatan.

Leenjifamtoonni kunniin uummata nagaa jaal’atu waliin ta’uun ittigaafatama isaanii haalaan akka ba’an hubachiisuu isaanii Waajjirri Kantiibaa Faanaa Dijiitaaliif ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment