Nageenyi yeroo ammaa Kutaa Magaalaa Sulultaatti argame kutaalee biyyattii biroof muxannoodha – I/Aanaa Komishinaraa Darajjee Baayyisaa

Finfinnee, Amajjii 18, 2018 (FMC) – Waggaa lama dura nagaan buluuf bakka yaaddoo ture Kutaa Magaalaa Sulultaatti tasgabbiin yeroo ammaa argame kutaalee biyyattii biroof muxannoodha jedhan Itti Aanaan Komishinara Jeneraalaa fi Hogganaan Qajeelcha Muummee Damee Ittisa Yakkaa Poolisii Oromiyaa Darajjee Baay’isaan.

Kutaa Magaalaa Sulultaatti konferaansiin Nageenyaa kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachise mata-duree “Nageenya waaraa Badhaadhina Waloof” jedhuun gaggeeffameera.

Wareegama lubbuu fi dhiigaa qamooleen nageenyaa kaffalaniin yeroon dhiphuu darbee nageenyi waara’ee arguu keenyatti gammanneerra jedhan jiraattoonni Kutaa magaalichaa.

Wagga lama dura haalli nageenyaa ture gatii guddaa nu kaffalchiisera kan jedhan jiraattoonni kunneen, qindoomina hoggansa siyaasaa, qaamolee nageenyaa fi hawaasaan hojii hojjetameen magaalichatti yeroo ammaa nagaan bu’uu dubbatan.

Nageenya yeroo ammaa argame caalmaatti itichuuf gahee nurraa eegamu ni baana jedhan.

Aanaaleen ollaa, hoggantoonni siyaasaa fi qaamoleen nageenyaa hawaasa waliin qindoomuun hojii hojjetaniin nageenya waareessuun danda’amuu ibsan Itti Gaafatamaan Qajeelcha Poolisii Kutaa Magaalaa Sulultaa Gargaraan Komishinaraa Bojaa Baalchaan.

Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee, akkasuma abbootiin amantaalee nageenya argame keessatti gahee olaanaa bahachuu dubbatan.

Amma barri sodaa darbeera, garuu sosochii fi aggaammii diinaa guutummaatti gogsuuf ammaas hojii guddaatu nurraa eegama jedhan.

Rakkoon qulqullina keessoo sodaa nageenyaa mudateef sababa olaanaa ture jedhan Bulchaan Kutaa Magaalaa Sulultaa obbo Kumaa Hundeen.

Mariin irra deddeebiin ummataa waliin taasiifame, qindoominnni ummataa fi qaamolee nageenyaa, akkasuma hoggansi cimuun rakkoo ture gogsuu danda’uu ibsan.

Nageenya qa’ee Tufaa Muunaa fi naannawaa ishee caalmaatti mirkaneessuuf ammas qindoominaan hojjechuun cimee itti fufa jechuun dubbatan.

Kutaalee magaalaa Shaggar keessaa kutaan magaalaa Sulultaa rakkoo keessa turuu fi wareegama kaffalamee fi hojii murannoon hojjetameen haalli ture guutummaatti jijjiiramuun nageenyi mirkanaa’eera jedhan Qajeelcha Poolisii Olaanaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Itti Gaafatamaan Ittisa Yakkaa Komaandar Shuumiyyee Galataan.

Poolisiin Oromiyaa fi qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun nageenya ummata isaanii kabachiisuuf wareegama qaalii kaffalaniin ammatti naannichatti tasagabbiin fooyya’aan argameera jedhan Itti Aanaan Komishinaara Jeneraalaa fi Hogganaan Qajeelcha Muummee Damee Ittisa Yakkaa Poolisii Oromiyaa Darajjee Baay’isaan.

Keessattuu bakki diinni itti xiyyeeffatee ture Kutaa magaalaa Sulultaatti hojii hojjetameen nageenyi yeroo ammaa argame kutaalee biyyattii hundaaf muxannoo guddaa ta’uu akka qabu yaadachiisan.

Wareegamtoota gatii kaffaluun jijjiirama kana fidaniif kabajatu malaaf jedhan.

Nageenya argame tikfachuuf hawaasni fi qaamoleen nageenyaa qindoomina qaban caalmaatti cimsuu akka qaban hubachiisaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment