Finfinnee, Guraandhala 17, 2018 (FMC) – Nageenyummaa fi Haqa qabeessummaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa milkaneessuuf gahee keenya ni baana jedhan Miseensonni Caffee Oromiyaa.
Filannoon bara kana gaggeeffamuuf jiru caalmaatti haqa qabeessa, amanamaa fi diimokiraatawaa akka ta’u maalummaa filannoorratti hojii hubannoo fi iftoomina uumuu hojjetaa jiraachuu ibsan.
Miseensonni Caffee Oromiyaa Aanaalee Godina Jimmaa, Shawaa Bahaa, Iluu Abbaa Boor, Harargee Bahaa fi Arsii turtii Faanaa Diijitaal waliin taasisan Ummanni yaada, tarsiimoo fi karoora paartileen dhiyeeffatan haalaan qalbeefachuun karaa nagaan sagalee isaa akka kennu akka miseensa Caffeetti gahee nurraa eegamu ni bahanna jedhan.
Paartileen hundi sagantaa fi yaada isaanii bilisummaan akka beeksifatan deeggarsa barbaachisu hunda taasisuuf qophii ta’uu dubbatan.
Paartii biyya bulchaa jirus ta’ee paartileen morkattootaa yaada moo’ataa ummataa biratti fudhatama qabu qabatanii dhiyaachuutu irraa eegama jedhan.
Itiyoophiyaatti adeemsi filannoo yeroo gara yerootti fooyya’aa jiraachuu dubbachuun, bara kana ammoo galmeen kaadhimamtootaa karaa diijitaalaan ta’uun isaa amanamummaa filannoo caalmaatti kan guddisu ta’uu ibsan.
Paartileen walqeequrra yaadaa fi sagantaa isaanii beeksifachuurratti qofa xiyeeffachuu qabu jedhan.
Ummannis yeroo jedhametti kaardii filannoo fudhachuun sagalee isaanii kennuuf of qopheessuu akka qaban waamicha dhiyeessan miseensonni Caffee kunneen.
Duula na filadhaa fi kakaasii gaggeeffamu sirnaan hordofuun Paartii itti amanan bilisummaan filachuu qabu jedhan.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.