Namoonni dhuunfaan galmee Yohaannis Daani’eel jalatti himataman mana amala sirreessaa akka bahan ajajni kenname

Finfinnee, Sadaasa 24, 2018 (FMC) – Nageenya Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa sodaarra buusuuf socho’an jedhamuun galmee Yohaannis Daani’eel jalatti namoonni dhuunfaan yakkaan himataman mana amala sirreessaa akka bahan ajajni kenname.

Abbaan Alangaa Dhimmoota Gurmuu fi Daangaa Ce’oo Ministeera Haqaa Yohaannis Daani’eel, Amaanu’eel Mawucaa, Naatinaa’eel Wandawasan, Eeliyaas Dirribaa fi Yidiidiyaa Natsaannat Hagayya 16, 2016 Xiyyaara Magaalaa Finfinnee gara Maqalee imaluuf ture sababa haala qilleensaan balallii haquu hordofee jeequmsa kaasuun nageenya isaa sodaarra buusuuf socho’aa turan jechuun himatee ture.

Himatamtoonni kunneen yakka himatamaniin balleessaa raawwataniiru jedhamanis manni murtichaa har’a yaadoota adabbii xiqqeessaanii fi jabeessan abbaan alaangaa fi himatamtoonni dhiyeessan qorateera.

Akkaataa qorannoon yakkichi adabbii salphaa kan isaan adabsiisu ta’uu isaan 1ffaa, Yohaannis Daani’eel waggaa 1 fi baatii 4, himatamtoonni 2ffaa, 3ffaa fi 6ffaan ammoo baatii 8 fi himatamaa 4ffaan baatii 10 akka adabaman murteesseera.

Haa ta’uutii himatamtoonni turtiin mana amala sirreessaa keessa turan herreegamuun adabbiin isaanii waan xumurameef mana amala sirreessaa akka bahan Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddachi Yakka Cimaa addaa har’a oolmaa isaan murteesseera.

Siifan Makonniin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment