Finfinnee, Fulbaana 12, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti namoonni 2 sanadoota sobaa mana jireenyaa keessatti qopheessuun shakkaman to’ataman jedhe Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Finfinnee.
Shakkamtoonni kunneen Carraalee argamanitti fayyadamuun sanadoota sobaa qopheessuun yakkoota garaagaraarratti hirmaachaa turuu eere.
Namootni gochaa seeraan alaarratti hirmaatan kunneen to’atamuun seeraan akka gaafataman hojjetamaa jiraachuu himeera.
Namootni kunneen Kutaa Magaalaa Liddattaa aanaa 7 gooxii 1 keessatti sanadoota sobaa garaagaraa waliin harkaaf harkatti to’amuu ibse qajeelchichi.
#Oromia#Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.