Namoota dhuunfaa yakka kashalabbummaa raawwachuun himataman hidhaa cimaan itti murtaa’e

Finfinnee, Guraandhala 27, 2018 (FMC) – Namoota dhuunfaa Taaksii fayyadamuun yakka kashalabbummaa (Showaashowaa) jedhamu raawwachuun himataman hidhaa cimaan itti murtaa’eera.

Namoota dhuunfaan kanneenirratti hidhaa cimaan waggaa 7 hanga waggaa 12 itti murtaa’eera.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti Dhaddachi yakkaa ramaddii 4ffaa Boolee namoota dhuunfaa yakkicha raawwachuun himatanan 4 irratti murtoo kana dabarseera.

Abbaan Alangaa namoonni dhuunfaan kunneen yakkicha raawwachuu isaanii ragaa namaa fi sanadaa dhiyeessuun himateera.

Manni murtichaas himatamtoonni yakka himatamaniin ragaa ittisaa akka dhiyeeffatan yeroo beellamaa kennuufis ragaa Abbaan Alangaa dhiyeesse ittisuu dadhabuu murtoo baleessummaa itti murteessera.

Dhaddachichi yaada adabbii bitaa fi mirgaa erga qoratee booda hidhaa cimaan akka adabaman itti murteessera.

Haaluma kanaan Daanyaachoo Mangiftee hidhaa cimaa waggaa 12, Sannaayit G/Igizabiheer hidhaa cimaa waggaa 11, Makiliiti Adaanaa hidhaa cimaa waggaa 9 fi Heermellaa Kaasaa hidhaa cimaa waggaa 7 akka adabaman itti murteesseera.

Taarik Addunyaan

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment