Namoota Naamuusa Abbaa seerummaa cabsan 394 irratti tarkaanfiin fudhatame_ Obbo Gaazaalii Abbaasimal

Finfinnee, Adoolessa 13,2017 (FMC)_ Namoota duudhaa fi naamuusa Abbaa seerummaa cabsan 394 irratti tarkaanfiin garaagaraa fudhatameera jedhan Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gaazaalii Abbaasimal.

Obbo Gaazaaliin gabaasa raawwii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa dhiyeessaniiru.

Gabaasa isaaniin Manneen Murtii sadarkaan jiran keessatti hojiin naamuusa dagaagsuu fi hubannoo uumuu hojjetamuu dubbataniiru.

Bakka hanqinni mul’atetti hojiin itti gaafatamummaa mirkaneessuu fi tarkaanfiileen sirreeffamaa fudhatamuu himaniiru.

Haaluma kanaan namoota duudhaa fi naamuusa Abbaa seerummaa cabsan 394 irratti tarkaanffiwwan fudhatamaniiru jedhan.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment