Finfinnee, Sadaasa 17, 2018(FMC) – Namoota qorannoo vaayirsaii Maarbargi qorataman 73 keessaa 11 irratti vaayirasichi argamuu Ministeerri Faayyaa beeksiseera.
Ministirri Fayyaa Dooktar Maqidas Dhaabaa har’a ibsa kennaniin, namoota waliigalatti shakkamanii qorataman 73 keessaa 11 irratti vaayirasichi argamuu fi hanga ammaatti namoonni 6 lubbuun darbuu ibsanii, warreen hafan shan ammoo yaalii irra jiru jedhan.
Warreen yaalaman waliin tuttuuqqaa kan qaban namoonni 349 ammoo adda baafamuun hordofamaa jiraachuu kaasan.
Kanneen keessaas 119 bilisa ta’uun bakka itti hordofamaa turan keessaa ba’uu dabalanii ibsaniiru.
Dhibee kana ittisuu fi to’achuuf koreen biyyaalessaa hundaa’ee xiyyeeffannaan hojjechaa akka jirus yaadachiisaniiru.
Daayireektarri olaanaan Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itiytoophiyaa Dooktar Masaay Kabbadaa gama isaaniin, tatamsa’ina dhibee Maarbargi to’achuuf hojiin to’annoo keellaawwan irratti geggeeffamu cimsuu, hojii daawwannaa bal’isuu fi hawaasa hubachiisuu xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
Hawaasichi qajeelfamoota of eeggannoo Ministeera Fayyaa fi dhaabbilee mootummaa dhimmichi ilaallatuun kennaman raawwachuu fi eeruu kennuun ittigaafatama isaa akka ba’u dhaamaniiru.