Finfinnee, Amajjii 5, 2018 (FMC) – Tapha marsaa jalqabaa walakkaa xumraa Waancaa Kaaraabaa’oo Ingiliziin har’a galgala Niwukaasil Yuunaayitid fi Maanchistar Siitiin waliin taphatu.
Shaampiyoonaa dorgommichaa bara darbee kan ta’e Niwukaaasil Yuunaayitid tapha nuusa xumuraan Fuulhaamiin injifachuun Maanchistar Siitiin ammoo Bireentifoordiin mo’atee walakkaa xumuraaf darban.
Gareewwan lameen dorgommiiwwan hundaan taphoota shan waliin taphataniin Maanchistar Siitiin yeroo 3 yoo injifatu tokko qixa bahuun tapha tokkoon ammoo injifatameera.
Taphni kilaboota lameenii har’a galgala sa’aatii 5:00 irraa eegalee Seenti Jamsi Paarkitti kan taphatamu yoo ta’u taphni deebii torban sadii booda Itihaaditti gaggeeffama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.