Obbo Adam Faaraah Ayyaana Iid-Alfaxir sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Bitootessa 10, 2018 (FMC) –Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimokiraasiifi Pirezedaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah Ayyaana Iid-Alfaxir kuma 1 fi 447ffaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Obbo Adam Faaraah ergaa isaaniin, Ayyaanichi ibsituuwwan duudhaalee gaggarii kanneen ta’an miira walgagaaruu fi waliif yaaduun akka guutu hawwaniiru.

Imala badhaadhinaa waloon eegalle kan itti cimsinuufi tokkummaa sabdaneessummaa keenya daran itti jabeessinu akka ta’uun hawwas jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment