Obbo Adam Faaraah Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ingiliiz waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 15, 2018 (FMC)- Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Itti gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasiifi Pirezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ingiliiz Daaran Weelchi waliin haala tumsa biyyoota lameenii cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Obbo Adam Faaraah ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, hariiroon dippiloomaasii biyyoota lameenii cimee akka itti fufuuf fedhiin jiraachuu maricharratti calaqqisiifameera jedhan.

Biyyoonni lameen tumsa ijaarsa sirna diimookiraasii, hojiirra oolmaa riifoormii diinagdee mandhalee, dameewwan barnootaafi fayyaa irratti qaban cimsanii itti fufuuf murannoo qabaachuus eeraniiru.

Itiyoophiyaan hoggansa Paartii Badhaadhinaan hojiilee riifoormii hedduu raawwachuun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf hojjechaa akka jirtu kaasanii, kanneen keessaa ijaarsi dhaabbilee tokko ta’uu himan.

Gama kanaan tarkaanfiiwwan dirree siyaasaafi diinagdee bal’isan fudhatamuu eeruun, Boordiin Filannoo bilisaafi walaba akka ta’uuf akkasumas siiviil sarvisii ammayyeessuurratti jijjiiramni dhufeera jedhan.

Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob babal’isuun tajaajila si’ataafi bu’aa qabeessa kennuun itti quufiinsa maamilaa guddisuun danda’amuus akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Yeroo itti aanutti hariiroo biyyoota lameenii haala guddisuun danda’amuun paartilee siyaasaa gidduutti waltajjiiwwan muuxannoo waljijjiirraa akka mijeeffamaniif waliigalteerra gahuus ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment