Obbo Ahimad Shideen Daayrektara Olaanaa Manajimantii Baankii Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 18, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen Daayrektara Olaanaa Manajimantii Baankii Addunyaa Weenkaay Zhaang waliin mari’ataniiru.

Ministeerichi guddina diinagdee Ityoophiyaa babal’isuufi diinagdee diijitaalaa fi naannawaa dadala bilisaa Afrikaa saffisisuuf fooyyeessi diinagdee gooroo hojiirra olchuu ibsaniiru.

Daayrektarichi gamasaaniin, Mootummaan Itiyoophiyaa ijaarsa fooyyeessii liiqii dabalatee fooyyeessii diinagdee gooroo hojiirra oolchuuf murannoo agarsiise dinqisiifataniiru.

Baankiin Addunyaa ajandaalee misoomaa itti fufiinsaan teeknikaa fi faayinaansiin deeggaruu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Qaamoleen lameen michummaa tarsimawaa Itiyoophiyaa fi Baankii Addunyaa gidduu jiru gamaaggamuu isaanii Ministeerichi Faanaa Diijitaaliif ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment