Obbo Ahimad Shideen Pireezidaantii Baankii Misooma Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 18, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen Pireezidaantii Baankii Misooma Afrikaa Dooktar Siidii Uuldi Taahii waliin mari’ataniiru.

Fooramii Invastimantii Afrikaa cinaatti dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Hariiroo dhaabbatichaa fi Itiyoophiyaa gidduu jiru caalmaatti cimsuuf murannoo qabaachuu marii isaaniin kaasaniiru.

Haala yaa’ii qabeenya qilleensaa mootummoota Gamtoomaanii 32ffaa Itiyoophiyaan qopheessuuf jirtu tumsuun danda’amurratti mari’achuutu ibsame.

Itiyoophiyaan Baankii Misoomaa Afrikaa waliin hariiroo qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu obbo Ahimad Shideen mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment